Nyaatamuu Ilkaani Maaltu Fidaa;Akkamiin Ittisuu Dandeenya?


Nyaatamuun ilkaanii (dental caries ) kan nutti dhufu yoo
ilkaan keenya asidii baakteriyaa ilkaan keenya gidduutti
walhoraniin hubamudha. Kana ittisuuf maal gochuu
qabnaa?
1. Saamunaa ilkaanii flouride of keessaa qabuun guyyaatti
al lama ilkaan keenya ququlleeffachuu. Yoo kan altakkaa
qulqulleeffannu ta’e galgala qulqulleffachuu qabna.
2. Bishaan uumamaa dhuguu. Kana jechuun yeroo hundaa
highland (bottled water) dhugna yoo ta’e flouride hanga isa
uumamaa waan hin qabneef miidhamuu dandeenya.
3. Nyaata sukkaara olka’aa ofkeessaa qaban fi miyaawaa
ta’an baay’isuu irraa of qusachuu
4. Nyaata ammaa ammaa itti deddeebi’anii nyaachuu
dhiisuu.
5. Ilkaan keenya gidduutti nyaata hartuu ilkaanii (tooth
brush) dhokatee hafu waan akka fo’aa (kirrii) qal’oo
ishiitiin of keessaa baasuu qabna (flossing).
6. Ogeessa ulkaanii (dentist) yeroo murtaa’e keessatti
deemanii haasofsiisuu
GALATOOMAA!

Leave a comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.