Dhiiguun Funyaanii /Funuunni/ Sababni Ka’umsa Isaa Maali?


Funyaan hiddoota dhiigaa qaqalloo fi baay’ee gara alaatti
dhiyaatanii jiran qaba. Kanaaf qaamota kanneen biroo irra
dhiiguuf saaxilamaadha. Yeroo baay’ee funyaan akka
dhiigu/funuunu kan taasisan wantoota lama, isaanis:-
qilleensa gogaa (hiddoonni dhiigaa xixiqqoon sun yoo
gogan salphaatti waan dhiiganiif) fi inni lammaffaa
tuttuqqaa funyaanii (yoo quba keenyaan keessa funyaanii
qulqulleessinu) dha.
Kanneen armaan olii kanaan alatti kanneen dhiiguu
funyaanii/funuunaaf sababa ta’uu malan.
– Sinusitis (dhukkuba saayinasii)
– Utaalloo ykn Qufaa
– Rukkuttaa (trauma)
– Keemikaalota funyaan tuqan akka amooniyaa
– Alarjiiwwan biroo tokko tokko
– Qorichoota akka Aspirin fayyadamuu
– Dhukkuboota itituu dhiigaa ittisuun nama dhiigsan
– Qoricha araadaaf oolu kookeenii (cocaine)
Kanneen biroo hedduun funyaan nama dhiigsan ni jiru
garuu isaan armaan olii kan yeroo baay’ee nama
funuunsanidha.
AKKAMIIN FUNUUNA DHAABUU DANDEENYAA?
1. Funyaan keenya quba gudaa fi quba elemtuu gidduutti
jabeessinee qabachuudhaan gara lafee jalatti argamuutti
gadi dhiibuu.
2. Gara fuulduraatti xiqqoo gadi jechuu. Gara dudduubaatti
jechuun dhiigni akka ujummoo nyaataa ykn ujummoo
qilleensaa seenu taasisa malee dhiiga dhaabuuf hin
gargaaru.
3. Gadi ciisuu dhiisuu. Funyaan keenyaa waan dhiigaa
jiruuf sadarkaa onnee olitti ( above heart level ) eeguu
qabna. Kanaaf gadi ciisuu dhiifnee taa’uu ykn yoo
dadhabne ammo mataa keenya ol qabannee ( 30 to 40
degree above horizontal) ciisuu.
4. Bishaan baay’ee dildllaa’aa ( cabbii yoo arganne
gaariidha) fuula fi funyaan keenya irratti naquu. Kunis
ujummooleen dhiigaa xixiqqoon akka kottoonfatan waan
gargaaruuf.

Leave a comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.